Nu Qunnamaa  :-022-110-0511    info@ilqso.gov.et                   

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image

You are here

Overview

Project Details

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa magaalaa Adaamaatti Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaatiif leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa kennaa jira.
ILQSOn mata duree Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyaa Oromiyaa haaraya ,Labsii lakk.248/2015 fi Dhagahaa Himannaa fi Ol Iyyannoo jedhu irratti leenjii gabaabaa guyyoota sadiif turu kennuu eegalee jira.
kaayyoon leenjii kanaa Seera Bulchiinsaa fi Itti Fayyadaama Lafa Baadiyaa Oromiyaa haaraya bahe irratti hubannoo walii galaa uumuun rakkoolee seerota kanneenin walqabatanii hojii keessatti muudatan bifa walfakkaataa ta’een hiikuuf akka ta’e ibsame.
Daarekteerri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa obboo Dobee Dhaabaa haasawa baniinsaa woyta taasisan akka jedhanitti, Leenjichi mata dureewwan kanneen irratti akka kennamu kan taasifameef leenjifamtoonni hubannoo walfakkaataa fi yaadama walitti dhiyaatu horatanii rakkoowwan hojii keessatti isaan muudatu furuuf hubannoo dandeessisu uumuuf akka ta’e ibsuun leenjichaaf xiyyeeffannoo kennuun muuxannoo walirraa argataniin hojii isaanii milkeessuuf gaheen guddaan kan ogeessota kanneen irraa eegamu tahuu dhaamanii jiru.

Nu Qunnamaa

  • Bilbila:- 022-110-0511

  • Faxii-:022-111-0902/022-112-37-44

  • PO Box:1238, Adama

  • Email:info@ilqso.gov.et

  • Website:-www.ilqso.gov.et

Miidiyaa Hawaasaa

 

Copyright © 2024, ILQSO. All Rights Reserved.| www.ilqso.gov.et