Nu Qunnamaa  :-022-110-0511    info@ilqso.gov.et                   

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image

You are here

Overview

Project Details

Workishoppii jalqabsiisa hojii Galmee Jechoota Seeraa Afaan Oromoo gara Elektroonikaatti jijjiiruu

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Galmee jechoota Seeraa Afaan Oromoo bara 2015 maxxansiisee ture gara Elektroonikaatti /android application/ jijjiiruuf Workishoppii jalqabsiisa hojii kanaa Magaalaa Bishooftutti qopheessee Abbootii hirtaa waliin mari'achaa jira. Kaayyoon sagantaa marii kanaa barbaachisummaa fi adeemsa hojii galmee Jechoota Seeraa Afaan Oromoo gara Elektroonikaatti jijjiiruu hubachuu fi hojicha jalqabsiisuu akka ta'e Daayirektarri Ol'aanaan itti Aanaan Inistitiyuutichaa Obboo Sulxaan Abdoo ibsanii jiru. Sagantaa kana irratti barreeffamni barbaachisummaa fi haala qophii hojii kanaa ibsu dhiyaatee irratti mari'atamee jira. Galmee Jechoota Seeraa Afaan Oromoo gara Elektroonikaatti jijjiiruun baasii maxxansa kan hambisu, dhaqqabamummaa isaa kan mirkaneessuu fi haala salphaa fi mijataa ta'een itti fayyadamuuf kan dandeessisu akka ta'e ibsameera. Sagantaa kana irratti argamuun hirmaattota kan mariisisanii fi kallattii hojii kan kaa'an pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Walitti Qabaa Gumii ILQSO kabajamoo Obboo Gaazaalii A/Simaal hojiin galmee Jechoota Seeraa Afaan Oromoo gara Elektroonikaatti jijjiiruu kun guddinaa fi waaltina Afaan oromootiif murteessaa ta'uu ibsaniiru. Keessattuu garaagarummaa itti fayyadama Jechoota Seeraa ogeessota biratti mul'atu kan xiqqeessuu fi murtiiwwan walfakkaataan akka kennaman kan taasisu waan ta'eef hojiin kun fooyya'iinsa sirna haqaatiif gumaacha olaanaa qaba jedhanii jiru. Abbootiin hirtaa sagantaa kanarratti argamanis bu'aa qabeessummaa hojii kanaatiif gumaachuuf waliigalaniiru.

 

 

Nu Qunnamaa

  • Bilbila:- 022-110-0511

  • Faxii-:022-111-0902/022-112-37-44

  • PO Box:1238, Adama

  • Email:info@ilqso.gov.et

  • Website:-www.ilqso.gov.et

Miidiyaa Hawaasaa

 

Copyright © 2024, ILQSO. All Rights Reserved.| www.ilqso.gov.et